Fana: At a Speed of Life!

MNO Inistiitiyuutii Ji’oospaashaali Ityoophiyaarraa kaartaa tuuristii fudhate

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)-  Mootummaan Naannoo Oromiyaa  Inistiitiyuutii Ji’oospaashaali Ityoophiyaarraa kaartaa Tuuristii fudhate.

Kaartichi qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu daawwattoonni biyya keessaa fi alaa haala salphaan akka hubatanitti kan hojjetame ta’uu Daayraktarri Olaanaan inistiitiyuutichaa Dooktar Tulluu Bashaa ibsaniiru.

Kaartaa kun yeroo yeroon fooyyessuun lammiilee hundaaf gama appilikeeshinii moobaayilaan waliin ga’uuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Kartaa tuuristii kana  gama Weebsaayitii Biirochaan ilaaluun akka danda’amu eerameera.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan gamasaaniin, kaartaan tuuristii kun qabeenya tuuriizimii uumamaa fi namtolchee Oromiyaa haalaan beekuu fi beeksisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoota 10 dhufanitti bakkeewwan argama tuurizimii 25 misoomsuuf karoora qabaachuu himaniiru.

Hojiileen teeknooloojiin deggaramanii  hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.