Fana: At a Speed of Life!

MNO fi dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)-  Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa  taasisuu ibsame.

Walitti qabaan Koree Sassaabbii deeggarsaa naannoo Oromiyaa Obbo Biraanuu Fayisaa deeggarsa sangoota 423 fi Hoolotaa 130 godinota Harargee Bahaa, Baalee fi Arsiirraa sassaabaman deeggarsa taasisaniiru.

Akka Ityoophiyaan injifattuuf qabeenyaan, humnaa fi yeroon deeggaraa turrerra gara fuulduraattis Ityoophiyaa cina dhaabbachuu itti fufna jedhaniiru.

Komishiniin Siiviil Sarvisii Ityoophiyaa Inistiitiyuutii hooggansaa waliin ta’uun deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 2 fi deeggarsa akaakuu Birrii kuma dhibba 4 taasiseera.

Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaas dhaabbilee ijaarsaa fi oomishtoota qindeessuun deeggarsa Birrii miiliyoona 3 taasisuu hojii rawwachiisaa olaanaan tajaajilichaa obbo Shifarraawu Taliilaa ibsaniiru.

Qajeelchi Teeknikaa fi Ogummaa Godina Guraagee kolleejjii mootummaa 11 isa jala jiran irraa kan walitti qabe deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu taasiseera.

Hogganaan qajeelchichaa hanga yoonaatti deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 46 taasisuu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Damee Maallaqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa aadde Maartaa Luwiijii deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.