Fana: At a Speed of Life!

MM Rippaabliika Cheek Mooraa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee Rippaabliika Cheek Peetir Fiyaalaan Mooraa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Biyyoota teeknooloojii Aviiyeeshiniin addunyaarraa maqaa gaarii qaban Riippaabliika Cheek waliin hariiroo jiru cimsuuf daawwannaan Ministir Muummee biyyattii qooda olaanaa qabaachuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleeensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Humnichi riifoormiin hidhannoo Aveeshinii ammayyessuun hojiilee hojjechaa jiruf dawwaanichi hariiroo gamlamee guddisuuf kan deeggaruu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Rippaabliikaa Cheek damee Teeknooloojji Aveeshiniin qaban waggootaa dheeraa kan lakkoofsisee ta’uun eeraameera.

Peetir Fiyaalaan ogeeyyii Aviiyeeshinii Rippaablikaa Cheek irraa dhufun Ityoophiyaanoota waliin giddu galaa Suphaatti hojjechuun umrii Xiyyaroota dheeressaa jiraanii dinqisifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.