Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy miseensota Biiroo Gumii Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee,Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota Biiroo Gumii Gamtaa Afrikaa, akkasumas Gibtsii fi Sudaan waliin mari’achuu ibsan.

Dooktar Abiy miseensota Biiroo Gumii gamtaa Afrikaa, dabalataanis Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts waliin Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaatiif furmaata Afrikaadhaa madde faluurratti marii bu’a qabeessa taasisuu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Dura taa’aa gamtaa Afrikaa, Preezdaant Siiriil Ramaafoosaa walgahii hoggantoota olaanaa faayidaa guddaa qabu kana qindeessuu isaaniitiif galateeffataniiru.

Akkasumas dura taa’aa Koomiishinii gamtichaa Muusaa Faakiifis galanni koo yaa ga’u jedhan Dooktar Abiy.

Dhaabbatni ardii keenyaa ilaalcha Afrikummaa qabu kun mariiwwan Afrikaaf faayidaa olaanaa qaban gaggeessuuf bakka sirriidha jedhan.

Hidhaan Haaromsaa qaamolee ilaallatu hundaaf guddina diinagdee olaanaa fi carraa badhaadhina waliinii itti argatan qaba jedhan Dooktar Abiy.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.