Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy fi Preezdaantiin Keeniyaa jiraattoota magaalaa Mooyaalee waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan jiraattoota magaalaa Mooyaalee waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni kunneen bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’aa fi hariiroo ummattoota haala guddisuun danda’amurratti jiraattoota kanneen waliin mari’ataniiru.

Hariiroo ummataa fi bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’aa babal’isuun tumsaa fi daldala naannichaa kan guddisu ta’uu maricharratti ka’eera.

Dhimmoota hawaasa naannichaa walitti buusaan irrattis mari’ataniiru.

Nageenya daangaa waliinii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu hoggantoonni kunneen dubbataniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.