Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy daawwannaa hojii guyyoota lamaaf keeniyaatti taasisaa turan xumuruun Finfinnee galan

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) –Jilli Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfama daawwannaa hojii guyyoota lamaaf keeniyaatti taasisaa ture xumuruun har’a waaree booda Finfinnee galeera.
Jilichi daawwannaa proojektoota bu’uuraalee misoomaa hariiroo waloo cimsanirratti xiyyeeffate keeniyaatti taasiseera.
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fi Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan Ityoophiyaa keeniyaa waliin kan wal walqunnamsisuu qaama ijaarsa Kooriidarii Moombaasaa – Naayiroobii- Finfinnee kan ta’e daandii Hawaasaa Mooyaalee fi proojektii buufata too’annoo Gumrukaa waloo erga eebbisiisanii booda Keeniyaatti kutaa bulchiinsa garaagaraatti daawwannaa hojii taasiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Daawwannaa hojii hariiroo ummataa fi bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’aa babal’isuun tumsaa fi daldala naannichaa cimsuu danda’u taasisaa turan xumurun magaalaa Fifninnee galuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.