Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad ambaasaaddaroota Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa bakka bu’an waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ambaasaaddaroota Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa bakka bu’an waliin mari’atan.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa xumura waltajjii waggaa ambaasaaddarootarratti argamuu isaanii Fuul Feesbuukii isaaniin beeksisaniiru.
 
Dooktar Abiy,Ityoophiyaan biyyoota biroo waliin walittidhufeenya dippiloomaasii cimaa akka qabaattu gochuun ga’ee ambaasaaddarootaa fi qonsiloota ta’uu eeraniiru.
 
Imaammata biyya alaa ilaalchisee kallattiiwwan boqonna itti aanu irratti marii’achuu isaanii ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.