MM FDRI Abiy Ahimad duula boqonnaa jalqabaa injifannoon golobuun yeroo murtaa’eef gara waajjiraatti deebi’uu ibsan
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa waldhaansoon injifachuun kaleessas, har’as, boruus hin danda’amu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Duula boqonnaa jalqabaa injifannoon golobuun yeroo murtaa’eef gara waajjiraatti deebi’uu koo ibsuun barbaada jedhan.
Maqaan Ityoophiyaa jedhu yeroo hunda moo’chuu waliin kan wabateedha jedhan.
Ityoophiyaan gootoota ijjoolee isheen kabajamtee jiraatti.
Duulli boqannaa jalaqabaa injifannoon dabaallamee xumuramuu ibsaniiru.
Ityoophiyaa waldhaansoo qabuuf yaaluun ni danda’ama,garuu waldhaansoon Ityoophiyaa injifachuun hin danda’amu jedhan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Yeroo muraasaan dura diina Ityoophiyaa waraanuuf ka’e waloon ta’uun qolachuuf adda waraanatti beellama qabanneen injifannoon argame diina mataa kan gadi qabsiise yoo ta’u, Ityoophiyaanoota ammoo mataa kan ol qabachiiseedha jedhan.
Waamicha dhiyaate hordofee kanneen lubbuu keessaan, humna, qabeenya, beekkumsa, yeroo fi ogummaa keessaan gumachitan hundaaf maqaa Ityoophiyaan galanni koo guddaadha jechuun ergaa dabarsaniiru.
Wareegamni yeroo ammaa adda waraanaatti kaffalamaa jiru Maqaa injifachuu Ityoophiyaa deebisuuf ta’uu eeraniiru.
Fedhiin keenya yeroo hunda nageenyaa fi jaalaala, Diinoonni hanga daandii jaalalaa fi nageenyaa filatanitti qabsoon keenya itti fufa jechuun ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.