Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy sirni kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi Arsadii bara 2013 bifa naga qabeessa ta’een akka raawwatamu gahee kan bahatan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad sirni kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi Arsadii bara 2013 bifa naga qabeessa ta’een akka raawwatamu gahee kan bahatan galateeffatan.
 
Dooktar Abiy ayyaana galateeffannaa fi Abdii kan ta’e sirni kabaja Irreecha Hora Finfinnee fi Arsadii bara 2013 bifa naga qabeessa ta’een akka raawwatamu gahee keessan kan baatan Abbootiin Gadaa, haadholii siinqee, Qeerroo fi Qarreen keenya, hoggantoonni, qaamoliin nageenyaafi walumaa galatti hirmaattoota ayyaanichaati fi miidiyaaleef galata kiyyan galchuu barbaada jedhaniiru.
 
Aadaa fi duudhaaleen biyya keenyaa bu’uurri isaanii nagayaa jaalachuu fi wal deeggaruu akka ta’e waltajjiiwwan itti hawaasa Addunyaatiif beeksisnu keessaa hangafni ayyaanota dirreetti bahuun kabajaman irratti.
 
Ayyaana irreechaa irratti shoora gurguddaa warri taphattan dhugumatti galatoomaa jedhaniiru.
 
Ayyaana Gaarii!
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.