Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyyoota baha jiddugaleessaa jiraatan waliin mari’achuufi

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jalqaba baatii dhuftuutti Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyyoota baha jiddugaleessaa jiraatan waliin Duubaayitti mari’achuufi.
 
Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti Imbaasiin Ityoophiyaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himetti, muummee ministiraa Dooktar Abiy Gurraandhala 5 amma 7,2012 Ityoophiyaanota baha jiddugaleessaa jiraatan waliin ni mari’atu.
 
Waltajjichaan haala waqtaawaa biyyaa, biyyoota keessa jiraatanitti mirgi isaanii eegamee kabajamanii akka jiraatan hojiilee hojjetamanii fi hojjetamuu qabanirrattis ni mari’atu.
 
Waltajjii marii kanarratti Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Saawdii Arabiyaa, Liibaanoos, Kuwet, Oomaan, Kwaataarii fi Baahireen jiraatan ni hirmaatu.
 
Milkaa’ina marichaatif Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti Imbaasiin Abu Daabii fi Waajjirri Qoonsilaa Duubaay ijaarramanii hojjechaa jiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.