Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2012 (FBC) –– Mummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwatan.

Dooktar Abiy Ahimad guyya har’a Ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa waliin giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwachuun ogeessota fayyaa fi hojjetoota jajjabeessaniiru.

Ogeessota fayyaaf ergaa dabarasiin, wayita amma kana Ityoophiyaan isin waliin jirti, deeggarsa barbaachisu hundi cina keessan ta’un isiinif ni taasifama jabadhaa jedhaniiru.

Hordooftota amantaa Islaamaa maraan baga ittin isin gahe jechuun keenna hoolaa kan laataniif yoo ta’u, yeroo kana dabarsine waliin ayyaanoota akka kabajannu abdiin qaba jechuun dubbataniiru.

Dubarti ulfaa vaayrasiin koroona irratti argamee gara giddugala yaala vaayrasii koroonaa seentee nagaan ofkalteefis keenna laataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.