Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy eebbifamtoota bara kana sagantaa garagaraan barnoota isaanii xumuraniif ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Muummeen MinistiraaDooktar Abiy Ahimad eebbifamtoota bara kana sagantaa garagaraan barnoota isaanii xumuraniif ergaa baga gammaddanii dabarsan.
 
Dooktar Abiy boqonnaa kana kan xumurtan weerara dhiphisaa #COVID-19 keessa taatanii ta’us, barnoota keessan teeknooliijiitti fayyadamtanii xumuruuf kutannoo fi ciminni argisiiftan kan dinqisiifatamudha jedhan.
 
Akkaataa haalichaan walsimuu danda’uun of qopheessuu keessanis kan argisiisudha.
 
Jijjiiramoota ariifataa addunyaa keenyarratti mul’ataniif akkaataadhuma haalotasaaniif ta’uun of qopheessuun, namoota gufuuwwan kamiinuu dandamatanii moo’ichaan bahan ta’uu qabna jedhaniiru.
 
Boqonnaa jireenya keessanii ittaanuutti yoo deemtan beekumsii fi ogummaan kuufattan biyya keessaniifi lammiileeshee ittiin tajaajiluuf akka oolchitan abdii fi amantaakooti jechuun ibsaniiru.
 
Badhaadhinni biyya keenya Ityoophiyaa ilmaanshee dhiiraa fi dubaraa barnootasaaniitiin riqichoota qunnamsiisan ijaaruudhaan ashaaraasaanii kaa’chuuf barbaadan harka jira jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.