MM Dr Abiy deeggarsi michuuwwan keenyaa waan nu biraa hin hafneef isaan galateeffanna jedhan
Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad deeggarsi michuuwwan keenyaa waan nu biraa hin hafneef isaan galateeffanna jedhaniiru.
Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaanirratti akka beeksisanitti, wayita qorannoo COVID-19 bal’inaan adeemsisaa jirru michuuwwan deeggarsa taasisa galateeffataniiru.
Deeggarsa har’atin kiitota qorannoo kennadhaan dhiyaatan 100,000 fudhanneerras jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.