Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosin ittiin isin ga’e jedhan

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Kiristaanatiin baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosin ittiin isin ga’e jedhan.

Dooktar Abiy ergaa isaanitiin Hiikkaan qormaataa fi du’aan booda jireenyii fi abdiin jiraachuu mallattoodha jedhaniiru.

Yeroon amma keessa jirru nuuf adda, koroonaan meeshaa waraanaa malee addunyaa weerareera.

Weerarri vaayrasii koroonaa fayyaa, diinagdee, siyaasaa fi amantaarratti dhiibbaa uumuu argaa jirra jedhan Dooktar Abiy.

Fuldurattis maaltu uumamuu malaan dhiibbaa xinsammuu keessummeessaa jirra.

Akka biyyaatti harka walqabannee qajeelfama mootummaa, abbootiin amantaa fi ogeeyyiin fayyaa kaa’an hordofuun hojiirra oolchun murteessadhas jedhaniiru.

Yeroon rakkoo kun darbuun isaa hin oolu; yoo darbutti garuu miidhaa hamaa osoo hin qaqqabsiisin akka darbu waldhaggeeffachuun amantaadhanis ta’e gochaadhan of eeggachuu qabna jedhaniiru.

Oduun du’aa hafee jireenyi, oduun dukkanaa hafee ifni, kan dhukkubbii darbee kan gammachuurratti yeroon itti haasofnu dhiyoodhas jedhaniiru.

Waan godhamuu qabu yoo goone, of dagannaa keessaa yoo baane miidhaan qaqqabu xiqqaatee fi hafee fayyinni ni ta’a jedhaniiru.

Muummee ministiraa hordoftoota amantaa Kiristaanaa marti baga ayyaana du’aa Ka’uu geessanis jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.