Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad Muummee Ministira Noorwaay waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministira Noorwaay Ernaa Soolbeergi waliin bilbilaan mari’ataniiru.
 
Marii isaaniin Noorwaay Ityoophiyaa waliin dhaabachuu fi deeggarsa gootu kan itti fuuftu ta’u tooraa Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Dooktar Abiy yeroo rakkisaa kana keessatti faayidaa waliin dhaabachuu arguuf akka dandeenyetti, michuuwwan keenya yeroo balaa #COVID-19 kana keessa gahee ijoo ta’e bahaa jiru jechuun eeraniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.