Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad jiraattota godina Daawroof ergaa dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad godina Daawroo magaalaa Tarcaatti jiraattotaaf ergaa dabarsan.
 
Dooktar Abiy istaadiyamii magaalichaatti ergaa dabarsaniin, sabaa fi sablammoonni Ityoophiyaa biyya isaanii dabarsanii hin laatan jedhaniiru.
 
Ityoophiyaanonni mirgaa fi fedhii misoomuu malee fedhii daangaa namaa dhiibuu hin qaban jedhan.
 
Tokkummaa biyyaa cimsuuf ummanni biyyattii waldhageettiin waliin dhaabbachuu qabaanis ergaa dabarsaniiru.
 
Dooktar Abiy bakka buutota hawaasaa waliinis magaalaa Tarcaatti galmatti mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa hojiilee misooma aanaa Koontaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.