Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad jiraattonni, keessummoota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif simannaa fi keessummeessa gaarii akka taasisan dhaaman

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad jiraattonni magaalaa Finfinnee keessummoota yaa’ii Gamtaa Afrikaatif simannaa fi keessummeessa gaarii akka taasisan dhaaman.
 
Ibsi guutun afaan Oromootin dabarsan kinooti;
===================================
Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan Guraandhala 1 fi 2 Finfinneetti adeemsifama.
 
Teessoon Afrikaafi giddu-galli dipiloomaasii Adunyaa sadarkaa 3ffaa Finfinneen, keessummootashee simachuuf qophoofteetti.
 
Yaa’ii hooggantootaa duras wal-gahiin hojii raawwachiiftotaa taa’amaa jira.
 
Itoophiyaan faajjii bilisummaa Afrikaa, bilisummaa Afrikaafis gahee guddaa kan gumaachite, lammiileen Afrikaa tokko ta’anii gamtaa cimaa akka hundeeffatan biyya hundee bu’uuraa keessedha.
 
Obbolaawwan keenya Afrikaa gara Itoophiyaa wayita dhufan waan gara biyya biraa dhaqan itti hin fakkaatu. Kan dhufan garuma biyya isaanii waan ta’eefi. Kan wal-gahan biyyuma isaaniitti waan ta’eefi. Kan deddeebi’anis biyyuma isaanii gidduutti waan ta’eefi.
 
Yaa’iin hooggantoota Afrikaa kun akka milkaa’uuf jiraattonni magaalaa Finfinnee baroota dheeraaf aadaa keessummaa simachuu qabdan akka irra deebiin agarsiiftan kabajaanin isin gaafadha.
 
Sababa kanaan daandiin yoo cufame dursa keessummaaf laatamudha jennee kabajaan haa fudhannu.
 
Sochiiwwan baraman tokko tokkos yoo gufatan kuussummumaafi jennee bira haa dabarru.
 
Keessummeessitoonni hoteelota keessa jirtan Ambaasaaddaroota ta’uu keessan yaadaa, poolisoonni karaarra dhaabattan keessummeessitoota uummanni guddaan Itoophiyaa isin ramade ta’uu hin dagatinaa, daandii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletii hanga galma yaa’iitti ogeessonni ramadamtan maqaa gaarii biyya keessaniif daawwitii akka taatan wayitan isinitti himu tajaajila kennitanitti amanuunidha.
 
Har’a irraa eegalee hanga dhuma yaa’ichaatti Itoophiyaanonni hundinuu keessummootaaf jecha ajajoota kennaman fudhachuufi qindeessuun waan humna keessanii akka gumaachitan waamicha koon dhiheessa.
 
Hunda caalaa kadhannaan keessan kan injifannoo nu gonfachiisu akka nu waliin ta’u imaanaan isinitti laadha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.