Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dooktar Abiy ergaa isaaniin Ityoophiyaan musliimoota dhaloota Nabiyyuu Mahaammad kabajan kiriistaanoota, hordooftaa amantaa biroo fi lammiileen kanneen biroo waliin ta’uun barootaaf bilisummaan biyya turte ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa lammiilee musliimaa waliin taanee guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa wayita kabajnu Ityoophiyaan ammoo lamataa dhalachuu yaadna jedhaniiru.

Bilisummaa fi badhaadhina ummataaf ni dhipphanna jedhaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa amantaa isaaniif mormiif hin dhiyaatani. Guddina isaaniitiif akkasuma. Bilisummaa isaniif qoosaa hin beekkan. Amantiin lammiilee Ityoophiyaa hedduuf jireenyadha jedhaniiru.

Kanaafi amantii keessaan laphee qulqulluun kan jaalatan. Kanaafidha amantii keessaniif mormiif kan hin dhiyeesine. Kanafidha guyyaa dhaloota Moolidaa bifa addaan kan kabajaniif. Baga Ayyaana Dhaloota Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa nagaan geessaan jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.