Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad dhaabbaata tola ooltummaa  Biraayit Istaar daawwatan

Finfinnee, Muddee 19, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad dhaabbaata tola ooltummaa  Biraayit Istaar daawwatan.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Magaalaa Finfinnee naannoo Shiroo Meedaatti kan argamu dhaabbata tola ooltummaa Biraayit Istaar daawwataniiru.

Daawwanachirratti Muummee ministira Dooktar Abiy dabalatee miseensoonni mana maree ministeroota hirmaataniiru.

Dooktar Abiy daawwannaa Ministeerri dhimma hojjetaa fi hawaasummaa qopheesseen Ityoophiyaa Biraayit Istaar galateeffataniiru.

Daa’imman daandiirra jiraataa turanii fi rakkoof saaxilaman 200tti siqan deeggaruuf sochii godhamaa jiru miseensota Mana marii Ministeerotaa waliin ta’uun daawwataniiru.

Asumaaniis yeroosaanii hafaa kan hojii tola-ooltummaa oolchan Dooktar Amiir Amaaniif gaggeessaa taasisaniiru.

Waqtii kana kennaa Dooktar Amiir Amaaniif qophaa’e muummee ministira Dooktar Abiy Ahimad harkaa fudhataniiru.

Yeroo boqonnaa keenyaa namoota rakkoof saaxilaman deeggaruufi guddina isaaniif gumaachuuf oolchuun kabaja qofaa osoo hin taane, mallattoo lammii gaariiti jechuun muummeen ministira erga dabarsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.