Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy daawwannaa Eeritraa xumuran

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimaad daawwaannaa Eeritraa xumuraniiru.

Daawwaannaa guyyoota sadiif taasisaan keessatti dhimmoota waloo sadee Eeritraa fi Soomaaliyaa irratti marii gaggeessaniiru.

Turtii isaanii Asmaraatiin walii galtee hariiroo sadee kana dura walii mallatteessan hojiitti hiikuuf Preezdaantii Eeritraa Isaayyaas Afawarqii fi Preezdaantii Soomaaliyaa Mahammad Abdulaahii waliin waliigalteerra ga’aniiru.

Walii galtee hariiroo sadee baatii Fulbaanaa bara 2011 hojiitti hiikuuff ejjennoo isaanii ifoomsaniiru.

Bara 2012 fi baroota itti aanan keessa shororkeessummaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, meeshaalee waraanaa fi daddabarsa baala sammuu adoochuu irratti waliin hojjechuuf karoora waloo baafataniiru.

Dabalataan dhimmoota haala itti fayyadama humna namaa, qabeenya uummamaa, misoomaa hawaasummaa fi diinagdee waloo irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy daawwannaa isaanii waayita xumuranitti Preezdaantiin Eeritraa Isaayyas Afawarqii buufata xiyyaaraa idila addunyaa Asmaraatti argamuun gaggeessuu isaanii ragaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa FDRI argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.