Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad lammiileen Ityoophiyaa hundi sagantaa ‘Irbaata Biyyaaf’ jedhurratti akka hirmaatan affeeran

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad lammiileen Ityoophiyaa hundi sagantaa ‘Irbaata Biyyaaf’ jedhurratti akka hirmaataan waamicha dhiyeessaniiru.
 
‘Isa wagga har’aa darbe waadaa seenne raawwannee hojiidhaan argisiifneerra’ kan jedhan Dooktar Abiy, amma immoo Ityoophiyaanonni hundii fi jaalattoonni Ityoophiyaa ‘Irbaata Biyyaaf’ irratti hirmaachuudhaan ashaaraa Ityoophiyaa akka keewwatan affeeruu ibsaniiru.
 
Birrii miiliyoona 10 fi miiliyoon 5 arjoomuuf, akkasumas biyya keessaa maallaqa hammamiiyyuu galii gochuudhaaf lakkoofsi heerrega baankii 1000339911267, Baankii Daldala Itoophiyaa, Damee Addis Ababaa banaa ta’uu ibsaniiru.
 
Biyya alaatii maallaqa hammamiiyyuu gumaachuuf lakkoofsi heerrega baankii 0100101300591, Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa banaa ta’us eeraniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula feesbuukii isaaniin dabarsaniin, Ityoophiyaanonni hundi maallaqa hamma humna isaanii ergaa gabaabaa 333 irratti erguun ashaaraasaanii akka keewwatan afeeraniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.