Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa kennu

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf boru ibsa kennu.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii dilee 36ffaa bara hojii 3ffaa ni gaggeessaa.

Walga’ichaan gabaasa raawwii karoora bara 2016 fi haala yeroorratti gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad deebii fi ibsa bal’aa ni kennuun eegama.

Dabalataan wixinee baajataa bara 2017 mootummaa federaalaa ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtee Koreen Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaasii dhiyeessu dhaggeeffachuun ni raggaasisaan kan eegamu ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.