Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad Balaa tasaa Godina Goofaan miidhaa qaqqabeen gadda isaanitti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti mudateen miidhaa qaqqabeen gaddi cimaan itti dhaga’amuu ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, balichi lubbuu lammiilee hedduu dabarsuu fi miidhaa suukanneessaa qaqqabeen gaddaa itti dhaga’ame ibsaniiru.

Balichi mudachuu hordofees Koreen Ittisa Balaa Mootummaan Federaalaa naannawichatti bobba’uun miidhaa balichaa hir’isuuf hirmaannaa taasisa jiraachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.