MM Abiy gara adda waraanaatti duuluun seenaa dhaloota amma jedhamee waamamuu ni danda’a-Hooggantoota Mootummaa Olaanoo
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Ityoophiyaarratti waraanaa banamee qolachuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun isaanii seenaa jalqaba dhaloota ammatin hojjetamee jedhamee waamamuu ni danda’a jechuun Hooggantoonni Mootummaa Olaanoo ibsaniiru.
Faanaa Broodkaasting Korpooreet waliin turtii kan taasisaan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen, MM Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun isaanii goota adda waraanaatti falmataniif jajjabinaa cimaadha jedhaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa adda waraanaatti argamuu halkanii fi guyyaa boqonnaa malee lubbuusaa dabalatee arsaa kaffaluun hojjechaa jira jedhaniiru.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi hogganaan biiroo misooma indaastirii fi intaarpiraayzii hojii obbo Zhaanxiraar Abbaay gama isaaniin, MM Abiy waraanicha hogganuuf gara adda waraanaatti imaluun isaanii uummataa fi hooggansaarratti kaka’umsaa guddaa uumuu himaniiru.
Balaay Tesfaayeetu gabaasee
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.