Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahmad Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaan waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii Luwiijii Dii Maayoo waliin mari’ataniiru. Mariin isaaniis dhimmoota biyyoota lameenii fi Gaanfaa Afriikaarratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.
Kana malees, hariiroo gam-lameenii cimsuuf haalota dandessisanirrattis mari’ataniiru. Keessumaa, biyyooni lameen hariiroo gama aadaan qaban fooyyessuu fi fuulduratti dameewwan haaraa biroorratti waliin hojjechuuf mari’achuu isaanii ragaan Waajjiraa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.
Gama biraatiin, Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaan Liwiijii Dii Maayoo Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliin dhimmoota naannawaa, hariiroo gam-lameenii fi dhimmoota idil addunyaarratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan, haala yeroo Ityoophiyaatti mudatee ture ilaalchisee mootummaan Xaaliyaan ejjennoo madaalawaa argisiisuutti galateeffataniiru.
Marii fayyidaa waloo biyyoota lameeni mirkaneessuu taasisuus Obbo Dammaqaan himaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaan Liwiijii Dii Maayoo daawwanaa guyyootaa lamaa Ityoophiyaa akkuma xumuraniin gara keeniyaatti kan imalan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Liwiijii Dii Maayoo guyyaa kaleessaa daawwannaa guyyoota lamaaf Ityoophiyaa seenuun ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.