Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa eebbisiisaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa fi Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa FDRI Abiy Ahimad Mana Barnootaa Leenjii Kontenjantii Nageenyaa Kabachiisaa Huursootti kaadhimamtoota qondaaltotaa Raayyaa Ittisa Biyyaa eebbisiisaa jiru.

Akkaadaamii Loltummaa Ityoophiyaatti Giddugalli Leenjii Huursoo qondaaltonni leenjise saayinsii loltummaa fi ogummaa hoggansaa yerichi gaafatuun kan ga’ooman ta’uun eerameera.

Sirna eebbichaarratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, qondaaltota jeneraalotaa, qondaatota olaanoo duraanii Raayyaa fi keessummoonnni biroon argamuu ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.