MM Abiy Ahimad qaamolee qophii sirna hundeeffama mootummaa milkeessaan galateeffatan
Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qaamolee qophii sirna hundeeffama mootummaa milkeessaan hunda galateeffataniiru.
Michuuwwaan idil addunyaa fi obboleeyyaan Afrikaanootaa hundeeffamma mootummaa haaraa Ityoophiyaa irraatti ergaa hawwii gaarii dabarsan hunda galateeffataniiru.
Abdii keenya dagaagsinee, sodaa hambifnee,carraa fayyadamnee, qormaata moo’annee biyya keenya daandii badhaadhinaatti bara ceesiifnu ta’a jedhan.
Akkuma abbootiin keenya kabajaan nuuf dabarsan nutis biyya hundii sodaa malee keessa jiraatu biyya bilisummaa gaanfa Afrikaa dhalootaaf ni dabarsina jedhan Fuula Tiwiitarii isaaniin.
Ummata Ityoophiyaa hunda galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.