Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Proojektii babal’ina  Warshaa Qorqorroo Adaamaa eebisiisan

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Proojektii babal’ina Warshaa Qorqorroo Adaamaa Birriin biiliyoonni 5.6 baasii itti ta’e eebisiisaniiru.

Warshichi wayita guutummaan hojiitti gale lammiilee kuma 3’f carraa hojii kan uumuu ta’uu eerameera.

Warshaan Qorqorroo Adaamaa bara 2003 kaappitaala Birrii biiliyoona 40 hojiitti kan gale yoo ta’u wayita hojii eegalu waggaan oomisha toonii kuma 30 oomishuuf dandeettii qaba ture.

Babal’ina amma taasifameef dabalatee oomishni waliigalaasaa gara toonii miiliyoona 1.2tti ol guddate jedhameera.

kan magaalaa Galaan jiru waliin waliigala toonii miiliyoona 1.8 ga’uu ibsameera.

Dabalataanis warshichi qorqorroowwan sheediiwwan paarkii indaastiriif oolan oomishuun sharafa alaa hambisuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.