MM Abiy Ahimad Preezdaant Ismaa’eel Oomaar Geelee gaggeessan
Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)– Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Geelee gaggeessaniiru.
Preezdaantichi guyyootan lamaan darbaniif daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasisaa turan xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.
Preezdaantichi turti isaaniitin MM Abiy Ahimad waliin dhimmoota lameenii fi naannoorratti mari’ataniiru.
Akkasumas bulchiinsa nageenya odeeffannoo daawwataniru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.