Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Poolisii Raayyaa ammayyaa taasisuuf mootummaa  deeggarsa gama maraa  kan taasisu ta’uu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC)- MM Abiy Ahimad Poolisii Raayyaa ammayyaa taasisuu fi hubannoo teeknooloojii isaa gabbisuuf riifoormiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu fi mootummaa  deeggarsa gama maraa  kan taasisu ta’uu ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad waajjira olaanaa Poolisii Federaalaa daawwataniiru.

Daawwannaa isaanii ilaalchisuun ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Poolisiin akka seera kabachiisaatti seera haalaan kan beeku, akka qorataa yakkaatti ogummaa qorannoo yakkaa kan qabu, qorannoo amalaa kan barate, saayikoolojii amalaa haalaan kan beeku taasisuuf riifoormiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.

Dabalataanis akka raayyaa ittisa biyyaa ga’umsa loltuu kan qabu, akka kora bittinneessaa ga’umsa qaamaa kan qabu, akka dhaabbata nageenyaa odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluu kan danda’u, haala yeroo duukaa deemuuf ga’umsaa fi hubannoo teeknooloojii kan qabu, ashaaraa, DNA fi mallattoo diijitaalaa akkasumas fooransikii diijitaalaa xiinxaluu kan danda’u raayyaa ammayyaa akka ta’uuf riifoormiin eegalame kan itti fufu ta’uu fi mootummaan deeggarsa gama maraa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.