Mootummaan Ityoophiyaa fi dhaabbanni Maasdaar Aanniisaa Aduu Meegaa Waattii 500 misoomsuuf waliigalan
Finfinnee, Amajjii 10, 2015 (FBC) – Mootummaa Ityoophiyaa fi dhaabbanni Maasdaar Emireetoota Araba Gamtoomanii Aanniisaa Aduu Meegaa Waattii 500 misoomsuuf waliigaltee mallatteessaniiru
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiiniyaan walin mari’ataniiru.
Masaraa mootummaa Qaasii Al Shaatiitti wal arguun mari’ataniiru jedhame.
Wayita kana Ityoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii hojii misoma anniisaa haaromsaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Ityoophiyaan qabeenya humna haaromuu hedduu qabaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.