Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Pireezidaanti Maakroon waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Pireezidaantii Faransay Imaanu’eel Maakroon waliin Paarisitti mari’ataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad daawwannaa Awurooppatti taasisaa jiraniin Xaaliyaanii fi Maaltaatti aansuun Faransaay Paaris galaniiru.

MM abiy Ahimad ‘Pireezidaanti Imaanu’eel argachuu kootti gammadeera’ jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

‘Simannaa Paarisitti naaf taasifameefis galannoo guddaadha, hariiroon biyyoota lamaanii cimaa wayita dhufe, guddina diinagdee olaanaatti akka ce’u abdiin qaba’ jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.