Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad namoota humna hin qabne waliin maaddii qooddatan

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Hiikaa fi Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun namoota humna hin qabne waliin maaddii qooddataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sirna maaddii qooddachuu guyyaa har’aa Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameerratti harka qalleeyyii 200f Xaafii, Zayita, Sukkaaraa, Makoroonii fi Daakuu kennaniiru.
Yeroo rakkisaa kanatti waan qabnu walii qooduun rakkoo hunda buqqisaanii gatuuf qabsoo waliif hiruu jechuun jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Waan qabnu walii qooduun furmaata yeroo gabaabaa yoo ta’u, qabsoo waliif qooduun ammoo muul’ata waloo yeroo dheeraan boruu gaarii uumuudha jedhan.
Alaazar Taaddalaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.