Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Xaaliyaaniifi Pireezidaantii Soomaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniifi Pireezidaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, anga’oota kanneen waliin mariin gam-sadee bu’aa qabeessa taasisuu eeraniiru.

Waltajjiiwwan idil addunyaarratti tumsa cimaa akka qabaannuuf waliigalteerra geenyeerra jedhan.

Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaafi Soomaaliyaa walitti hidhan cimsuun akkasumas abbootiin qabeenyaa Xaaliyaanii dameewwan invastimantii garaagaraan Ityoophiyaafi Soomaaliyaatti akka bobba’aniif waliigalteerra gahuu eeraniiru.

Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniifi Pireezidaantiin Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad daawwannaa hojiif guyyaa kaleessaa Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.