MM Abiy Ahimad masaraa Faasiladas daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Goondaritti argamuun Masaraa seenaa qabeessa Faasiladas daawwataniiru.
Naannawaa kanatti abbootiin hojii ogummaa raajii hojjechu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Faasiladas, Aksum,Laallibalaa fi hambaaleen seenaa biroo yeroo arginu, dandeettii, beekumsaa fi ogummaa bakka jiru irraa fiduudhaan Abbootii itti dabaluu danda’an akka qabnu agarsiisa jedhan.
Faasiladas ammoo abbootii dizzaayinoota hunda agarsiisuu danda’an jiraachuu mul’isa jedhan.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.