Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad lammiilee Musliimaa galii gadaanaaf Maaddii qoodan

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Musliimaa galii gadaanaaf Afxiraa Ramadaanaa sababeeffachuun maaddii qoodaniiru.

Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa, miseensota hojii raawwachiistota olaanoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, qondaaltota olaanoo mootummaa, akkasumaas lammiilee Musliimaa galii gadaanaan jiraatan argamaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad tibba darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaase dhiyeessan irratti, hawaasni Sooma Ramadaanaa fi Ayyaana Du’aa Ka’uun sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiif maaddii akka qoodan waamicha dhiyeessuun isaanii kan yaadatamuudha.

Kana hordofees Finfinnee fi naannawaa biyyattii birootti maaddii qooduu fi gochaaleen tola ooltummaa biroon gaggeeffamaa jiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kanaan dura Ityoophiyaanota Saa’ud Arabiyaarraa deebi’anii fi lammiilee Sooriyaa godaantummaan Ityoophiyaa jiraataniif Maaddii Afxiraa qooduun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.