Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Koreen Biyyaalessaa Farra Malaammaltummaa hundaa’uu ifoomsan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Koreen Biyyaalessaa Farra Malaammaltummaa hundaa’uu ifoomsaniiru.

Muummeen Ministiraa ibsa baasaniin akka beeksisanitti, malaanmaltummaan qiinqanii biyya nyaatu akka ta’ee fi qabeenya bal’aa biyya keenyaa mancaasuun tattaaffii ishee duwwaa hambisuuf, guyyaa fi halkan ilbiisa wasuudha.

Aanga’oota namusaa hinqabne, faddaaltotaa fi abbootii qabeenyaa jaalaala qabeenyaan jaamaan wayitaa walta’uun morkatan, duraa buutota hannaa duubaan kan jiran lammiilee hiriirsuu wayita eegalan, malaanmaltummaan qiinqanii ta’ee akka weeraraatti biyya haleela.

Haa ta’u malee lafee misooma biyyaa hanga qoqoruutti kan ga’u yoo ta’e malaanmaltummaan weerara ta’eera jechuudha jedhaniiru.

Malaanmaltummaan yaaddoo nageenyaa biyya diiguu danda’u ta’uu biyyoonni ragaa bahan bara kana keessaa kan mul’ataan ta’uu ibsuun, baala hadoochituu, kontirobaandii, daddabarsaa seeraan alaa namootaa, daldala seeraan alaa meeshalee waraanaa, daldala waliin dhahuuf, malaanmaltummaa kaayyoo isaanii raawwachuuf ittii fayyadamu.

Waraanni addunyaa keenyarratti eegale, akka hinxumuramne, walitti bu’iinsi akka hinqabbanoofne, ummatoonni akka walitti bu’an sababoota taasisan keessaa tokko malaanmaltoonni maraanmartoo kana keessaa waan buufataniif ta’uus ibsu.

Malaanmaltummaan, yaaddoo nageenyaa biyya keenyaa ta’eera.

Imalli badhaadhinaa keenya akka hingufanneef qixa diinota kenyarratti qabsoofnuu malaanmaltummaarrattis qabsa’aa jirra.

Biirookiraasiin sirrate, caaseffamni qindaa’ee, hojmaati ammayyaa’e saaxilamummaa malaanmaltummaa waan hir’isaniif, kanneen dhabamsiisuuf yookaan gufachiisuuf malaanmalaan guyyaa fi halkan hojjechaa jira.

Ummanni keenya kenniinsa tajaajilaa, hojmaata lafaan walqabatan, damee faayinaansii, adeemsa bittaa fi gurgurtaa, waltajjiiwwan haqaa, dhaabbilee mootummaa garaagaraa, dhaabbilee misoomaa, dhaabbilee ummataa fi kanneen biroon malaanmaltummaa mudatuun hedduu dhama’aa jiru.

Yeroo garaagaraatti, mariiwwan ummata waliin taasifameen, yaaddoon nageenyaa qixa malaanmaltummaa gufuu imala badhaadhinaa keenya ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan caasaalee sadarkaan jiran sakatta’uun, hojmaata haaraa diriirsuu, hojiilee teeknooloojiin deeggaraman saffisiisuun tuttuqqaa harkaarraa walaboomsuuf, hoggantoota fi kanneen biroo malaanmaltummaa keessatti hirmaatan, seeratti dhiyeessuun haalli mijataan malaanmaltummaaf akka hinuumamne taasisfamaa tureera.

Haa ta’u malee, waraana biyya keenya mudate, koronaa fi weeraroonni biroon xiyyeeffannaa mootummaa ta’aniiru jechuun malaanmaltoonni yaadaan, bakka bakkaa suuqamanii neetiwoorkii isaanii diriirsuun Ityoophiyaa balleessuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni qorannoo gaggeeffamee kan argisiisuudha.

Gama tokkoon mootummaan, seeronni, dambiiwwan, qajeelfamoonnii fi hojmaanni malaanmaltummaaf akka hinsaaxilamne hojjechaa jira.

Gama biraan ammoo, hirmaattota malaanmaltummaa saaxiluu fi hojiilee seeratti dhiyeessuu hojjechaa kan jiruudha.

Mootummaan muudamtoota mootummaa, hojjettoota dhaabbilee mootummaa, warreen matta’aa kennan irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Haa ta’u malee malaammaltummaan uumamasaatiin karaa walxaxaa ta’een, teekinooloojiiwwan fayyadamuun, yeroo tokko tokkos uwwisa seeraa fayyadamuun waan raawwatamu waan ta’eef qaamolee qorannoon adda ba’an qofa seeratti dhiyeessuun kan hiikamu miti jedhan.

Malaammaltummaa bu’uurarraa furuuf foyya’iinsa seeraafi hojiimaataa dabalataan tarkaanfii jiilchaan taatoowwan malaammaltummaarratti fudhachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan koree biyyaalessaa duula mootummaan malaammaltummaarratti gaggeessu qindeessu hundeessuu ibsaniiru.

Korichi miseensota 7 kan qabu yoo ta’u, isaanis:-

1. Obbo Tamasgeen Xurunaa

2. Dooktar Geedeewoon Xiimootiwoos

3. Obbo Taklawaldi Axinaafuu

4. Obbo Soloomoon Sooqaa

5. Obbo Dabalee Qaabataa

6. Dooktar Saamu’eel Urqaatoo

7. Obbo Abduuhamiid Mahaammad ta’uu eeraniiru.

Koreen kun itti gaafatamummaa itti laatamee gahumsaan akka ba’atuufi bu’aa hiika qabeessa akka fiduuf deeggarsi hawaasaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni duula malaammaltummaarratti hirmaachuu akka qabu waltajjiiwwan garaagaraan ibsaa turuu yaadachiisaniiru.

Mootummaanis hirmaannaa hawaasaa kana kan barbaadu ta’uu ibsuun, malaammaltummaan baduu kan danda’u uummanni hadheeffatee yoo irratti qabsaa’e ta’uu eeraniiru.

Kanaaf uummanni taatota malaammaltummaa ilaalchisee odeeffannoo qabu karaa haaloo bahuurraa bilisa ta’een gama teessoowwan armaan gadiitti eeramaniin korichaaf erguu kan danda’u ta’uu yaadachiisaniiru.

Eeruuwwan dhiyaatan karaa icitii ta’eefi nageenya eertotaa eegeeniin qabamuun kan qorataman ta’uu ibsaniiru.

Tarkaanfiiwwan korichi fudhatuufi bu’aan isaa yeroo yerootti uummataaf kan ifoomu ta’uu addeessaniiru.

Pireezidaantonni naannolee koreewwan naannoo sadarkaa sadarkaan yeroo dhiyootti kan hundeessan ta’uu beeksisaniiru.

Hawaasni eeruu qabu karaa teessoowwan armaan gadii dhiyeessii akka danda’u yaadachiisaniiru.

Bilbila:9555

Ergaa Gabaabaa:9555

Marsariitii፡ http://www.9555pmo.et/

Imeelii : http://9555pmo.et/

Teelegiraamii፡ https://t.me/PMOfeedback

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.