MM Abiy Ahimad Ministiroota Alaa Faransaayii fi Jarman waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 4, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa fi Awurooppaa Faransaay Kaatiriin Koloniinaa fi Ministira Dhimma Alaa Federaalaa Jarman Anaaleenaa Baayerbook waliin mari’ataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ministiroota kanneen waliin marii bal’aa fi bu’aa qabeessa taasisuu ibsuun, Ityoophiyaan Faransaayii fi Jarman waliin hariiroo cimaa fi bara dheeraa ture qabaachuu tooraa miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.