Hoggantoonni biyyoota alaa sirna hundeeffama mootummaa haaraa Ityoophiyaarraatti hirmaatan gara biyya isaanii deebi’uu eegalan
Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota alaa sirna hundeeffama mootummaa haaraa Ityoophiyaarraatti hirmaatan gaggeessaa jiru.
Preezdaantii Jibuutii Ismaa’el Omar Giileehif gaggeessaan taasifameera.
Preezdaantichi sirna kakuu seenuu Muummee Ministeera Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa gaggeeffame irratti hirmaachuun har’a gaggeessaan taasifameeraafira.
Muummeen Ministeeraa FDRI Abiy Ahimad buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessuu ibsameera.
Sirna gaggeessaa kana irratti Ministirri Ministeeraa Innooveshinii fi Teeknoolojii Dooktar Abrahaam Balaay fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo argamaniiru.
Preezdaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa fi Muummee Ministeera Riipaabilika Diimokiraatawaa Koongoo Jaan Miikeel Saam Luukoondeef kaleessaa galgala gaggeessan taasifamuufii kan yaadatamudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.