Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad godina Shawaa Bahaatti qonnaan bultoota qamadii jallisii bonee facaasaa jiran daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)-  Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad godina Shawaa Bahaa aanaa Luumeetti qonnaan bultoota qamadii jallisii bonee facaasaa jiran daawwataniiru.

Godinichatti qonna waqtii  bonaan lafa heektaara kuma dhibba 2 irratti qamadiin kan misoomu ta’uu ibsameera.

Hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 30 ol qotamuufi lafti heektaarri kumni 9 fi 500 qamadiin uwwifamuu waajjirri qonnaa godinichaa beksiseera.

Biyyattiitti bara kana lafa heektaara miiliyoona 1.3 irratti qamadiin jallisii boneen kan misoomu ta’uufi oomishni kuntaalli miiliyoonni 50 ni argama jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.