Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Warshaa daabboo guyyaatti kuma 300 oomishu eebbisan

Finfinnee, Mudde 15, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo warshaa daakuu fi daabboo guyyaatti daabboo kuma 300 oomishu Magaalaa Hawaasaatti eebbisuun tajaajila jalqabsiisan.

Warshichi warshaawwan daabboo akka biyyaatti ijaaramaa jiran kudha tokko keessaa isa 4ffaa ta’uu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Warshaaleen daabboo guutuu biyyattiitti ijaaramaa jiran kunneen guyyaatti daabboo kuma dhibba 3fi daakuu toonii 42 oomishuu kan danda’an ta’uu eeraniiru.

Warshaaleen kunneen oomishaalee isaanii gatii madaalawaan hawaasaaf kan dhiyeessan ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.