MM Abiy Ahimad ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Barri moofaan bara haaraan wayita bakka bu’u, boqonnaan moofaan cufamee boqonnaa haaraan ifa ba’uuf jedhu, yeroo bara dhufu simachuuf qophoofnu qalbiin keenya waan darbe yaadachaa fi egeree abdii haaraa keessummeessun hin oolu jedhan.
Baricha yeroo gaggeessinu yaadannoowwan hedduun gaarii ta’anii fi taatewwanniin guutamee muudate jedhan.
Gama biroon diinonni gurmaa’uun haleellaa nurratti banan,gariin ammoo lammiilee nagaa ajjeesuuf waraana kaasan,dhiibbaaleen waltajjii idil addunyaa hammaate, miidiyaaleen duula nurratti labsan akka biyyaatti bara qormaataa hedduu itti dabarsine jechuun ibsan.
Faallaa kanaan barri xumurame bara taateewwan abdii namatti horan argaman, gara fuulduraatti akka imallu galaa ta’anii fi injifannoowwan gaariin itti galmaa’an ta’uu kaasaniiru.
Diina gurmaa’ee dhufe gurmoofnee qolchuu akka dandeenyu itti agarsiifne, qoqqoobbii murannoo ce’uu dandeenye, abdiin wabii nyaatan of danda’uu itti daraare, birmadummaa kabachiisuuf akka gurmoofnu carraan itti uumaame, bara dhiphuu qofa osoo hin taane bara galataas ta’ee darbe ta’eera jedhan.
Bara haaraas wayita simannu abdiin keenya akka ilillii birraa daraaree, firii gaarii buusuu akka agarru, kanneen nageenya keenya booreessanirraa akka qulqulloofnu, barri dukkanaa darbee ifti ba’u akka ta’uu ni amanna jedhan.
Amantaan kun akka milkaa’u nutis bara haaraa waliin jijjiiramuutu nurraa eegama.
Yoo hin jijjiiramne, yaadni moofaan yoo hin gatanne, barri tokko darbee barri biraa yoo dhufe jijjiiramni yeroo lakkoofsa qofa ta’uu danda’a jedhan ergaa isaaniin.
Yeroo ammaa hojii bal’aan kan ittiin hojjetamu danda’uu qabeenyi hedduun fuullee keenyatti kuufameera. Barichi baraa carraa jijjiiramuu qabatee waanta’eef barichaatti fayyadamnes itti fayyadamuu baannes darbuun isaa hinhafu.
Akka lolaa waan argatee hundaa haree kan dabu dhalootaa hanga dullumaa, dullumaa hanga du’aatti kan geessuudha.
Dhihuu fi bari’uu, torbanii fi baatileen , waggoonii fi baroonni to’annoo keenyaan ala jedhanii, waqtii fi yeroo lakkaa’uu qofti, jiraachuu kan hinmul’isneedha ibsan.
Bishanni kan fuudhe deeme hundi daaktuudha akka hinjedhamne yeroo tokko tokko daaktuu caalaa waan bishaannii fuudhee deeme saffisaan kan imaluudha.
Rakkoon isaa saafisaan waan hinbarbaadamnetti buusaa imala.
Yerodhaan imaluun hundaarraa wayya’aa waan ta’eef yeroo hinjijjiiramnetti seenaa hojjechuuf imaluu, yoo danda’ames yeroo dursuu yoo hindanda’amne ammo waliin imaluudha jedhan.
Yeroodhaan imaluun garaa yeroon geessutti imaluu utuu hintaane yeroo keessatti galmaa milkeessuu barbaannu qofaaf imaluudha.
Baraa haaraa kabajuun hiikaa kan qabaatu yeroo keessa darbuu yoo dandeenyeedha kan jedhan Muummichi Ministiraa, namoota yeroo qabatanii imalaniif bara haaraa wanti jedhamuu hinjiru jedhan.
Kanneen biroorratti kan hinraawwannee nu irratti waan hinraawwanneef kanaan dura kan hintaane har’a wanti haaraan waan hinjiraanneef guyyoota, torbanoota, baatiiwwan hundaa kan turaniidha.
Yeroo keessa namoonni darban ashaaraa waan kaleessa hinraawwatamnee, seenaa, ilaalcha, akkataa jireenyaa fi ilaalchaa, addunyaa, boqonnaa, daandii, qabeenyaa, teeknooloojii, hojmaataa, kan uumaniidha. Sababa kanaan kaleessa dhaangaddarraa, har’aa ammo kaleessarraa addaa baasu ibsaniiru.
Waan haaraa hojjechuuf baricha qofaa utuu hintaanee guyyichis akka haaraa ta’u taasisa.
Biyyi keenyaa lammilee yeroo injifatan barbaaddii kan jedhan Abiy Ahimad lammiilee bara haaraatti waan haaraa hojjetan akka barbaaddu himaniiru.
Dhimoota furmaata haaraan kan bakka buusan, qormaata turan dawaa haaraan kan fayyisan, gufuuwwan turan buqqisuun daandii haaraa kan ijaaran, seenaa turan boqonnaa seenaa haaraan kan bakka buusan, seenaa beelaa badhaadhummaan, seenaa waraanaa nageenya waaraan, seenaa qoqqoodaa tokkummaa sabdaneessummaan, seenaa walitti bu’iinsaa obbolummaan, seenaa boodatti hafummaa ammayyummaatti kan jijjiiran gootota jiraatoo barbaaddi jedhaniiru.
Barri haaraan dhugumaatti haaraa akka ta’uuf seenaa haaraa kan barreessan barbaaddi jedhan.
Barri jijjiiramuun waan hinhafnee ta’us, bara jijjiiruun hojii goototaati.
Ashaaraa magariisaa, qamadii bonee, jalqabbiin qabeenyaa tuuriizimiitti fayyadamuu, karoorri rakkoolee biyya keenyaa mariin furuu, sochiin of danda’uun dhiibbaa alaa jalaa ba’uu, qaama bu’aa fedhii bara jijjiiruuti himan.
Isaan kunneen argisiistuu haa ta’an malee, kenniinsa tajaajilaa hattootarraa qulqulleessuu, sirna haqaa bu’aa qabeessa taasisuu, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, gahee damee oomishaa guddisuu, tokkummaa biyyaalessummaa cimsuu, walitti bu’iinsa dhabamsiisuu, qonna caalmaan ammayyeessuu, hariiroo alaa cimsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, diimookiraasii bu’uuressuu, qabeenya umamaa qabnu sirnaan fayyadamuu fi kanneen biroorratti hojiilee nu hafan jiru jedhanii, kanneen hundinuu gootota bara jijjiiran barbaaduus ibsaniiru.
Bara ofii isaan darbee, ofii isaan dhufu moofaa fi haaraa jechuun hiikaa waan hinqabneef bara haaraa, haaraa haa taasifnu jedhaniiru.
Barri moofaan biqiltuuwwaniif, beeyladootaa fi kanneen biroof moofaa waan ta’ee darbeef, bara haaraa fi moofaa ofii keenyaa haa uumnu jedhanii, kana gochuun kan danda’u ammo hojii haaraa hojjechuudhaan ta’uu dubbatan.
Jijjiirama bara darbe hinturre, hojii fi waan dinqisiisa yoo uumne barichi haara ta’a kan jedhan Muummeen Ministiraa, Ityoophiyaaf hojmaata ammayyaa’aa, furmaataa, daandii, ilaalcha, ashaaraa, oomisha, aartii, teeknooloojii, argannoo saayinsii, falaasama, kenniinsa tajaajilaa, pirojektoota, bu’uuraalee misoomaa, qaanqeewwan beekumsaa, aadaa qonnaa haaraa fiduun, baricha haaraa akka taasifnu jechuun wamichaa dhiyeessaniiru.
Hojii haaraadhaan barichi haaraa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.