Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad ergaa baga geessanii ayyaana bara haaraa Ummata Sidaamaa Fichee Cambalaala dabarsan

Finfinnee, Eebla 11, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana jijjiirraa bara haaraa uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ayyaanichi kan uummata Sidaamaa qofa ta’uurra darbee hambaa seenaa addunyaa ta’uun erga galmaa’ee waggoottan lakkoofsisuu yaadachiisaniiru.

Abbootii ayyaanicha eeguun dhaloota kanaan gahan galateeffataniiru.

Ayyaana bara kanaa kan kabajnu mallattoo ayyaanichaa kan ta’e xomboorri nageenyaa wayita biyyattiitti ifuu eegaletti jedhaniiru.

Nageenyi, eebbiifi abdiin duudhaalee Ayyaana Fichee Cambalaalaa ta’uu eeraniiru.

Duudhaaleen kanneeniin karoora uummata keenyaaf nageenya buusuufi hiyyummaa balleessuun gara eebbaafi badhaadhinaatti imaluuti jedhaniiru.

Jaarsoliin Biyyaa Sidaamaa, hayyoonniifi dargaggoonni hariiroo daandiin nageenyaa, eebbaafi badhaadhinaa mootummaa Ayyaana Fichee waliin qabu hubachuun biyyattii rakkoo keessaa baasuufi biyya badhaate dhalootatti dabarsuuf cinaa keenya akka dhaabbattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.