Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad dhaabbileen mootummaa fi daldalaa  manneen harka qalleeyyii akka haaromsan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Dhaabbileen mootummaa fi daldalaa ganni osoo hin seeniin dura manneen harka qalleeyyii akka haaromsaniif waamicha dhiyeessaniiru.

MM Abiy fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, kutaa hawaasa galii gadi aanaan jiraataaniif sagantaa manneen jireenyaa haaromsuutin dhaabbileen mootummaa fi daldalaa ganni osoo hin seeniin dura manneen harka qalleeyyii akka haaromsan haala jireenya mijataa uumuuf ga’eesaanii akka ba’aan waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen daldalaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii ba’uun jireenya lammiilee miiliyoonatti lakka’amanii jijjiiruu ni danda’u jedhaniiru.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad ganama har’a magaalaa Finfinnee bakka Awwaaree jedhamun beekamutti sagantaa manneen harka qalleeyyii haaromsuu eegalchiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.