Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad daawwannaa hojii Awurooppaatti taasisan xumuruun gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI  Abiy Ahimadiifi jilli isaanii  daawwannaa hojii Awurooppaatti taasisaa turan xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.

Muummeen Ministiraa turtii Awurooppaatti taasisaniin Pireezidaantii Faransay Imaanu’eel Maakroonii waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadiifi jilli isaanii Muummee Ministiraa Maaltaa Roobert Abeelaafi Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin dhimmoota waloorratti mari’achuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa Argame ni mul’isa.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadiifi jillisaanii Muummee Ministiraa Maaltaa Roobeert Abeelaa waliin dhimmoota daldalaa, Invastimantii, tuuriizimii, gaalaana, loojistiksii fi nageenyarratti walta’iinsa qaban guddisuu dabalatee hariiroo gama lameeniirratti mari’achuun ibsameera.

Kana Malees Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiifi Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii tumsa biyyoota lameeniifi dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ragaan waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadiifi Muummeen Ministiraa Joorjiyaa Meelooniin waliigaltee tumsaa Ityoophiyaafi Xaaliyaanii 2023-2025 Yuuroo miiliyoona 180 mallatteessaniiru.

Waliigaltichi misooma diinagdeen keessumaa dameewwan qonnaafi indaastirii akkasumas dhiyeessii tajaajila bu’uuraa fayyaafi barnootaaf kan oolu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaafi karoora misooma waggoota kudhanii itti fufsiisuuf kan taasifamu ta’uu ibsameera.

#Ityoophiyaa

#AbiyAhimadAli

#OfficeOfPrimeMinister

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.