MM Abiy Ahimad barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhataniif hawwii gaarii hawwan
Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhataniif hawwii gaarii hawwaniiru.
Qormaanni kun dhugaa Ityoophiyaaf abdii ta’uu keessan kan itti mirkaneessitan akka ta’u nan amana jedhan.
Maatii, barsiisonnii fi hawaasni biyyattii hundi sadarkaa kanaan isin ga’uuf barootaaf dhama’aniiru jedhan.
Hannaa fi walirraa baraaburraa bilisa ta’uun ofitti amanummaan qormaaticha qoramuun bu’aa gaarii akka galmeessitan abdiin qaba jedhan.
Qajeelfama kabajuu fi tasgabbiin yoo hojjetan waaqni Ityoophiyaa isin gargaara jechuun eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.