Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad balaa ibiddaa giddugala gabaa Hargeessaatti qaqqabeen gadda itti dhaga’aame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad balaa ibidda giddugala gabaa Hargeessaatti miidhaa qabeenyaa lammiileerratti qaqqabeen gadda itti dhaga’amee ibsaniiru.

MM Abiy Fuula miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsanitti, balaa ibiddichaan kisaaraan muudate kan yaadamnedha jedhaniiru.

Gadda nutti dhaga’aamees ummata Somaalii laand waliin dabarsa jirra jedhaniiru.

Muummeen Ministira Abiy yeroo rakkoo kanatti akka isaan waliin jirru itti himaa jirra jedhaniiru.

Baatii kabajamaa Ramadaanaa keessa jirru kana keessatti kasaaraawwan kanneen gara bu’aatti akka nuuf jijjiiru Rabbiin irraa eegna jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.