Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad bakka argamanitti raawwii adeemsa nageenyaa fi haala yeroorratti mari’atame

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad bakka argamanitti raawwii adeemsa nageenyaa fi haala yeroorratti mari’atameera.

Marichaanis raawwii waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa fi waliigaltecha hordofees mariiwwan yeroo lama Keeniyaa Naayiroobitti gaggeeffame hojiirra oolchuurratti mari’atameera.

Adeemsi nageenyaa hanga ammaatti raawwii gaariin akka gaggeeffamaa jiru, mootummaanis akkuma kanan duraa waan barbaachisa akka taasisu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.