Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa taasisuun muudan

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa taasisuun muudan.

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Amajjii 02, 2015 irraa eegalee Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa ta’uun Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin muudamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan hanga Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa ta’uun muudamanitti Hojii Raawwachiisaa olaanaa Giruuppii Ityoo- Injinariingii ta’uun tajaajilaa turuu yaadachiifameera.

Dabalataanis Kuwaataariifi Emereetota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun tajaajiluu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.