MM Abiy Ahimad Al Burhaan Waliin mari’atan
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Preezdaantii Mana Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Abdulfattaa Al Burhaan Waliin Keeniyaa Naayiroobiitti mari’atan.
Hoggantoonni lameen yaa’ii Addaa Hoggantoota IGAD gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmoota naannawaa fi gam-lameerratti waliin mari’achuu ragaan Waajjira Muummee Ministeeraarraa argame ni mul’isa.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’ii Addaa Hoggantoota IGAD 39ffaa irratti hirmaachuuf guyyaa har’aa Keeniyaa Naayiroobii galuun isaanii kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.